About us  Other Links  Prayer Schedule  Feedback  Contact us            

        
        
        
        
        
        
        
        
        
         

 

 Sirna Awwaalchaa, kan Tawfiq Islamic Centerin Kennamu 

Tawfiq Islamic Center  Muslimtoota Oromootiif  kanneen kutaa Minnesota kessa jiraataniif sirna awwaalchaa haraya banameen isaan gammachiisa.

 

Imammanni Bu’urri:

 

·        Muslimoota  Saba Oromoo kanneen Kutaa Minnesotaa keessa jiraataniif, bakka       awwaalchaa kan sirnaan beekame argamsiisuu.  

·        Ba’aa baasii awwaalchaa irraa Muslimoota  Oromoo walaba taasisuu,

·        Hoggana Tawfiq Islamic Centerin jalatti sirna awwaalchaa gayaa kennuu.

 

Nama miseensummaa dideef, Tawfiq Islamic Center baasii baasee,     Tajaajila Sirna Awwaalchaa hin kennu.

 

 

Baasiin:

 

  • Warri maatii (family) galmeefamaaf $200, waggaa waggatti $120
  • Ka maatii hin qabne (single) galmeeffamaaf $150, wagga waggatti $80
  • Barattoota fi warri SSI argatan, galmeeffamaaf $100, waggaa waggatti $50
  • Warri ‘Welfare’ argatan, galmeeffamaaf $50, waggaa waggatti $40

 

  1. Warra maatii (family)  jechuun,  haadha-warraa fi abbaa-warraa ijoollee isaanii kanneen umrii 18 gad jiran wajjiin jechuu dha.   Haatahu malee, ijoolleen umrii sanii oliitis  dalagaa  ykn gargaarsa addatti yoo hin qabaatin akkuma irkataa maatii saniitti lakkaawaman. Soddaa fi soddatiin, yoo dalagaa yknis gargaarsa mootummaa addatti hin qabaatin, waarruma wajjiin jiraatan keessatti akka irkataa maatii saniitti lakkaawaman. 
  2. Ka maatii hin qabne (single) jechuun,  nama haadha-warraa ykn abbaa-warraa ykn itti-irkataa hin qabne ka dalagatee/dalagattee  addatti if-dandayee/if-dandeettee jiraatu jechuu dha.
  3. Barattoota jechuun, haga tokko dalagataa ykn gargaarsa mootummaa argataa jarreen guutumatti barnoota hordofaa jiran jechuudha.

 

  1. Warra SSI aragtan jechuun, namoota gargaarsa Sooshaal Sakuuritii argatan jechuu dha.

 

  1. Warri ‘Welfare’ argatan jechuun,  gargaarsa mootummaa ka irra gad diqqaa jarreen argatan jechuu dha.

 

Sagantaan Tajaajila Awwaalchaa ka Tawfiq Islamic Center hogganamu kun Muslimoota saba Oromoo kanneen Kutaa Minnesotaa keessa jiraatan mara ammata. (Guutummatti keessa baruuf Koree Tawfiq Islamic Center gaafadhaa).

 

 

  • Miseensummaan waggaa waggatti haarayoomfama.
  • Nama du’e biyyatti galchuun faallaa sagantaa kanaati
  • Jiijjirama maatii keessatti argamu: fakk. Fuudhaa-heeruma, dalagaa argatanii addatti bawuu, godaanuu, irkataa tahiinsa jalaa bawuu, kkf  Tawfiq Islamic Center beeysisuun dirqama miseensaati.

 

 

 

Koottaa Galmeeffamaa!!!

 

 

Muddee (December) 20, 2007   irraa haga   May 30, 2008

 

 Sababaa Namni galameefame lafa bituudhaaf gaya hin tahiniif jecha Tawfiq Islamic Ceneter guyya namni mayyi itti galmeefamu dheresse jira.   Haga May 30, bara 2008tti

 

Odeeffannoo irra caalaa argatuuf: Tawfiq Islamic Center qunnamaa:  bilbilli -  612- 588-1160  E-mail: info@tawfiqic.com

 

                        Copyright © 2006 Tawfiq Islamic Center  All rights reserved

 

Home | Quran | Hadith | Lectures |  Services | Activities | Donations | Contact us  | Feedback